Sagantaa Kamisa Waxabajjii 10, 2021

Audio Player Thumb
Sagalee Walabummaa Oromiyaa • Voice of Independent Oromia VIO • SWO
playlist

Lola WBO, fi LMKII fi Loltoota Mootummaa Eertiraa gidduutti, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota kanneen akka Haroo Limmuu fi Eebantuu keessatti tibbana adeemsifameen, Loltoonni Mootummaa Eertiraa WBO'n booji'amuu.
Qotatee-bultoonni Oromoo 5, Roobii kaleessaa (Waxabajjii 9, 2021) Giddu-gala Oromiyaa, Ona Gindabarat, Ganda baadiyyaa Bashee, naannoo Mana Barumsaa jedhamutti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan ajjeefamuu.
Lolli duguuggaa sanyii fi babal'ifannaa daangaa, Kibba Oromiyaa, Konyaa Booranaa keessatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, Loltoota ergisaa Mootummaa Eertiraa fi Poolisoota Humna Addaa Naannoo Somaaleen, Uummata Oromoo irratti geggeeffamu tibbana daran jabaachuun, Uummanni Oromoo buqqaafamaa, qabeenyi isaaniis Poolisoota Humna Addaa Somaaleen saamamaa fi mancaafamaa jiraachuu.