Audio Player Thumb
Independent Oromia Sagantaa Caamsaa 25, 2021  Sagalee qofaan 

Lola WBO fi LMKII gidduutti, Konyaa Qeellem Wallaggaa, Ona Yamaaloogii Walal, Ganda Arbaashii jedhamu keessatti, Kibxata har'aa (Caamsaa 25, 2021) adeemsifame irratti kan haleelaman Loltoonni Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, lola sana booda gara gandeen Ona Yamaaloogii Walal garaagaraatti bobba'uun, Uummata Oromoo nagaa dararaa jiraachuu.

Namoonni maqaa Abbaa Gadaa fi Jaarsummaan socho'anii fi qoldaaltonni MKII muraasni, Uummata Oromoo Walloo irratti shira xaxuuf, gara Konyaa Walloo, Magaalaa Kamiseetti imalanii jiraachuu.

Magaalaa Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa naannawa Finfinneetti argaman garaagaraa keessatti, Uummanni Oromoo kaardii filannoo fudhattan malee jedhamuun dararamaa jiraachuu.