Audio Player Thumb
Independent Oromia Sagantaa Caamsaa 23, 2021  Sagalee qofaan 

Konyaa Baha Wallaggaa Onoota kanneen akka Haroo Limmuu fi Eebantuu keessatti, ajjeechaan, hidhaa fi dararaan Uummata Oromoo irratti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan raawwatamu daran hammaatee itti-fufee jiraachuu.

Onootaa fi Magaalota Konyaa Arsii Lixaa danuu keessatti, Uummanni Oromoo kaardii filannoo fudhattan malee jedhamuun, bahaa fi gala dhorkamaa fi dararamaa jiraachuu.

Poolisootni Humna Addaa Naannoo Amaaraa, Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan deggeraman lola duguuggaa sanyii fi babal'ifannaa daangaa Oromoo Walloo irratti raawwatan hammeessuuf humna dabalataa buufachaa jiraachuu.