Audio Player Thumb
Independent Oromia Sagantaa Caamsaa 20, 2021  Sagalee qofaan 

Dargaggoon Oromoo, Galgaloo Waaqoo jedhamu, Konyaa Booranaa, Ona Mi'oo keessatti, Wiixata (Caamsaa 17, 2021) LMKII'n ajjeefamuu fi maatii fi firoottan isaa dararamuu.

Dargaggoon Oromoo, Gammachuu Malaakuu jedhamu, Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Boojjii Birmajjii keessatti LMKII'n ajjeefamuu; maatii fi firri isaa awwaalanii borumtaa isaas, Poolisoonni Humna Addaa Naannoo Amaaraa, haadha, maatii fi firoottan isaa waamuun, reeffa isaa boollaa baasuun, haadha isaa dirqisiisanii, akka isheen reeffa ilma ishee haammaattee waliin suuraa kaatuu fi lafa irra harkistu, akkasumas sirbitu taasisuu.

Lolli duguuggaa sanyii fi babal'ifannaa daangaa Poolisoota Humna Addaa Mootummaa Naannoo Amaaraa, Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan deggeramanii fi huccuu Raayyaa Ittisaa uffataniin Oromoo Walloo irratti geggeeffamu itti-fufee jiraachuu.