Ajjeechaa suukanneessaa Oromoota 7 irratti, Konyaa Walloo, Ona Harxummaa Fursee, Ganda Karaa Qorii keessatti, Kibxata Eebila 20, 2021, Humna Poolisa Addaa Naannoo Amaaraan raawwatame;

Oromoota ajjeefaman kanneen keessaa haati tokko harmi fi harki ishee qottoon irraa muramuun Hospitaala Kamisee erga seentee booda, Roobii kaleessaa (Eebila 21, 2021) lubbuun ishee kan darbe ta'uu;

Uummani Oromoo doorsifamuun, darbees, dantaalee xixiqqaan (xaa'oo, sanyii,...) sossobamuun kaardii filannoo akka fudhatu taasifamaa jiraachuu – Ona Baakkoo.