Itti-aanaa Hoogganaa Yuunvarsitii Jimmaa kan turan, Dr. Adulaa dabalatee Barsiisotni Oromoo Yuunvarsitii Jimmaa kanneen baay’inaan ja’a (6) ta’an hidhamanii jiraachuu; akkasumas, Onoota Konyaa Jimmaa garaagaraa keessatti, hidhaa fi dararaan qabata WBO’n Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu.

Dargaggoon Oromoo Jammaraa Faqaaduu jedhamu, barataa kutaa kudhanii kan ta’e, Dilbata (Eebila 4, 2021) Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Magaalaa Gaalessaa keessatti Raayyaa Ittisaa MKIIn ajjeefamuu; Uummanni Oromoo ajjeechaa kana balaaleffachuun hiriira mormii ba’anis hidhamuu.

Poolisoonni Humna Addaa [Oromiyaa], Loltoonni Mootummaa Eertiraa, akkasumas, Poolisoonni Humna Addaa fi Milishoonni Naannoo Amaaraa maqaa sakattaa WBO’n Uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuuf gara Konyaalee Lixa Oromiyaatti bobbaafamaa jiraachuu.