Naqamtee: Oromoonni danuun dirqisiifamuun hiriira deggersaa Kol. Abiyyii fi Paartii Badhaadhinaa irraa akka hirmaatan taasifamuu;

Calanqoo: Oromoota hiriira deggersaa Kol. Abiyyii fi Paartii Badhaadhinaa irratti hirmaachuuf Roobii kaleessaa gara Magaalaa Calanqootti imalaa turan keessaa 33 balaa konkolaataan lubbuun isaanii darbuu;

Gullisoo: Dararaa, ajjeechaa fi mancaafamni qabeenyaa LMKIIn Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu; Ajajaan Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Ona Gullisoo, Ibroo jedhamu duguuggaa sanyii Uummata Oromoo irratti raawwachaa/raawwachiisaa turee fi jiruuf Aangawoota Konyaa Wallagga Lixaan galateeffamuun, Kamisa har'aa badhaafamuu.