Oromoonni baay’inaan 100 ol ta’an Konyaa Matakkal, Anaa Dibaax, Ganda Daalattii jedhamtu keessatti guyyaa kaleessaa (Amajji 13, 2021) ajjeefamuun hanga har’aatti awwaalcha dhorkamanii jiraachuu;

Gujii Lixaa, Aanaa Galaanaa: Saboota ollaan lolli Oromoo irratti adeemsifamaa jiraachuu; qabeenyi Uummata Oromoos Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan saamamaa fi mancaafamaa jiraachuu;

Onoota Shawaa Lixaa garaagaraa keessatti duguuggaan sanyii qindaa’aan Ilmaan Oromoo irratti adeemsifamu babal’tee itti-fufee jiraachuu;