rswo satellite announcement




Baha Oromiyaa keessatti, WBO fi QBO irratti sakattaa jabaan geggeeffamaa jiraachuu | audio

Baha Oromiyaa keessatti, WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo WBO’tti makamuuf bosona seenaa jiran irratti sakattaa jabaan humna qilleensaa fi lafoon geggeeffamaa jiraachuu. Abbootiin qabeenyaa Oromoo baankii irraa maallaqa isaanii akka hin baafanne dhorkamuu; Abbootii qabeenyaa kanneen maallaqa ofii harkatti qabatanii hojiif bobba'an irraas maallaqni isaanii LMKII’n [eegdota keellaan] saamamaa jiraachuu. Lixa Oromiyaa: LMKII hedduun WBO’tti harka kennachaa jiraachuu. Uummatni Oromoo WBO fi qabsoo hidhannoo jabeessuun akkaan barbaachisaa ta’uu. Tarkaanfiin ergamtoota diinaa irratti QBO’n fudhatamu itti-fufee jiraachuu | RSWO - Fuulbana 15, 2020