Tarkaanfii Qeerroo Bilisummaa Oromoon, Giddu-gala Oromiyaa, Magaalaa Amboo keessatti, Waraana MKII irratti galgala edaa fudhatameen, loltoonni diinaa danuun galaafatamuu heedduun isaaniis madeeffamuu.

Lolli duguuggaa sanyii fi babal’ifannaa daangaa, Humnoota Naannoo Amaaraatiin Oromoo Walloo irratti barootaaf deemaa ture galgala edaa (Eebila 14, 2021) toora 7:00 (ALBA) irraa qabuun ammoo bifa haarayaan banamee jiraachuu.

Duguuggaan sanyii qindaa’aan, Loltoota Koloneeffattoota Impaayera Itoophiyaan Uummata Oromoo irratti raawwatamu, Onootaa fi Magaalota Konyaa Baha Wallaggaa adda addaa keessatti jabaatee itti-fufee jiraachuu.