Voice of Independent Oromia (VIO) News page - Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Oromoonni baay’inaan 1000 (Kuma-tokko) ol ta’an, Giddu-gala Oromiyaa, Ona Gidabarat keessatti hidhamuun gidirfamaa jiraachuu. Oromoota hidhamanii jiran kanneen keessaas baay’inaan 300'tti kan tilmaaman, Magaalaa Kaachis keessatti, mana dhiphoo keessatti baay’inaan hidhamuun, akkasumas, nyaata ga'aa fi wal'aansa fayyaa dhorkamuun dhibeelee daddarboo garaagaraaf saxilamaa jiraachuu.
Uummanni Oromoo, goototaa fi qabsaa’ota ilmaan isaa, kanneen qabsoo walabummaa biyya isaanii Oromiyaa fi bilisummaa saba isaanii Oromoof taasisan irratti wareegaman bifa kamiin yaadachuu qaba? Kaayyoon gootota wareegamtoota Oromoo yoom guuta? Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa ga'uuf maal gochuu qaba?…
Lolli babal’ifannaa daangaa Poolisoota Humna Addaa Naannoo Somaalee fi hidhattoota Somaalee gosa Iisaa, kanneen Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan deggeramaniin, Baha Oromiyaa, Konyaa Lixa Harargee, gandeen baadiyyaa Ona Mi'eessoo adda addaa keessatti Uummata Oromoo irratti adeemsifamu tibbana jabaachuun, tikfatee-bultoonni Oromoo iddoo loon ofii tikfatanitti ajjeefamaa, loowwan isaaniis hidhattoota Somaalee gosa Iisaan saamamaa jiraachuu.
Haala siyaasaa yeroo ammaa Impaayera Xoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa keessatti mul’achaa jiruu fi kallattii deemsa isaa, addatti ammoo, dhimma Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa giddu-galeessa godhachuun, marii hayyuu fi qabsaa’aa Oromoo gameessa, Obbo Daani’eel Dafaa Jammoo waliin taasifame.
Filannoon shiraa Mootummaa Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa (PP’n) Wiixata kaleessaa (Waxabajjii 21, 2021) adeemsifamuun isaa himamu, Onoota Konyaa Gujii Bahaa keessatti argaman garaagaraa keessatti, tarkaanfii WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon buufataalee filannoo irratti fudhatameen gufachiifamuu.
Abbaan Qabeenyaa Oromoo, Obbo Tashoomaa Nuqus Dureessaa, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Qotee-bulaa Giippoo jedhamu keessa kan jiraatan, Waxabajjii 15, 2021 halkan toora sa’atii saddeetii, LMKII’n mana jireenyaa isaaniitii fuudhamuun ajjeefamanii bakkeetti gatamuun, reeffi isaanii guyyoota sadii booda (Waxabajjii 18, 2021) tikoota horiin bakkeetti argamuu.
Baqattoonni Oromoo biyya Saa’udii Arabiyaa keessa jiraatan, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman, Kamisa Waxabajjii 10, 2021 irraa qabuun hanga har’a, Waxabajjii 17, 2021’tti, mana hidhaa Magaalaa Jiddaa keessatti argamutti hidhamuun dararamaa jiraachuu.
Kaardiin filannoo ammaan dura dirqiin Uummata Oromoof kennamee ture, tibbana ammoo Gandeen Onoota Konyaa Gujii Lixaa keessatti argaman garaagaraa keessaa, dabballoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan, dirqiin Uummata Oromoo harkaa guuramaa jiraachuu.
Page 10 of 83