Voice of Independent Oromia (VIO) News page - Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)

VIO, RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia. Sagalee Walabummaa Oromiyaa. Birmadummaa, Gadaa, WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo News. Oduu SWO, Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO). Voice of Independent Oromia (VIO) News page. Odeessaaalee wayitawaa marsatiitii SWO.

SWOn 1absoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf godhamu dhaadhessa. Odeessaalee wayitawaaf marsariitii keenya daawwadhaa. VIO, RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia, Sagalee Walabummaa Oromiyaa, Birmadummaa, Gadaa, WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, News, Oduu SWO, Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)

Lixa Wallaggaa, Magaalaa Najjoo

Lixa Oromiyaa, keessattuu, Konyaa Lixa Wallaggaa fi Qeellem Wallaggaa keessatti, Uummanni Oromoo LMKII'n dirqisiifamuun, yeroo dheeraaf akka midhaan hin oomishanne taasifamaa; oomisha ooyiruu irraa qabus akka hin galfanneef, ooyiruu irratti jalaa gubamaa turuun wal-qabatee, yeroo ammaatti Uummanni Oromoo Ona Najjoo keessa jiru beelaaf saaxilamee jiraachuu.

Karrayyuu, Fantaallee, Oromiyaa

Baha Oromiyaa, Konyaa Harargee Bahaa Onoota garaagaraa keessaa, Milishoonni MKII danuun gowwoofamuun gamisnis dirqamuun, waraana humnoota garee Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, gara garee MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goranii humna Naannoo Tigiraay waraanuuf gamasitti fe'amaa jiraachuu.

Walloo, Kamisee

Waraana garee humnoota Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, Oromoon Walloo gara garee humnoota MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goree humna Naannoo Tigiraay irratti akka duuluuf, waamichi taasifamuuf itti-fufee jiraachuu.

Gadab Asaasaa

Mootummaa Naannoo Amaaraaf daboo ba’ee, humna Naannoo Tigiraay (ABUT) irratti waraana akka banuuf jecha, qaamota Mootummaa Naannoo Amaaraatiin, Oromoo Walloof waamichi taasifamaa jiraachuu. Oromtichi maqaan isaa Mallasaa Caalaa jedhamu, Giddu-gala Oromiyaa Magaalaa Buraayyuu keessatti, mana hidhaa keessatti ajjeefamuun, reeffi isaa badheetti darbamuu.

Ganjii, Oromiyaa

Dhukaasa Jimaata Adoolessa 9, 2021, dargaggoota Oromoo nagaa irratti, Poolisoota Humna Addaa [Oromiyaa] fi Milishoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan, Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Ganjii, Ganda Ganjii Deembii, iddoo addaa Janjamoo jedhamutti banameen, dargaggoonni Oromoo ja’a iyyuu iddoo tokkotti galaafataman.

WBO Zoonii Giddu-gala Oromiyaa, Lixa Shaggar

Sochii fi tarkaanfii WBO Zoonii Giddu-gala Oromiyaa Lixa Shaggar, akkasumas akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi shoora Uummanni Oromoo QBO keessatti bahachuu qabu irratti xiyyeeffachuun, marii Itti-aanaa Ajajaa WBO Zoonii Giddu-gala Oromiyaa Lixa Shaggar, Jaal Jirranus waliin taasifame.

Naqamtee, Jimmaa Arjoo fi Bulee Horaa

Gandeen Konyaa Gujii Lixaa keessatti argaman, kanneen baay’inaan 100 (dhibba-tokko) olitti tilmaaman keessaa, caasaan Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa (Paartii Badhaadhinaa) guutumaa-guutuuttii diigamuun gandeen kunniin to’annoo WBO jala galfamuu.

Baha Oromiyaa, Dirree Xiyyaraa

Qabsoon Bilisummaa Oromoo akka galma hin geenyeef maaltu taasise? Dogoggoroota mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti dhalatanii fi kufaatiilee Uummata Oromoo mudataniif komatamaan eenyu? Galmi Qabsoo Bilisummaa Oromoo eessa? Uummanni Oromoo Galma Qabsoo isaa ga'uuf maal gochuu qaba?… Marii Oromticha Walloo tokko waliin taasifame.

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa