Voice of Independent Oromia (VIO) News page - Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Duula duguuggaa sanyii humnoota finxaaleyyii Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seenaniin, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota kanneen akka: Giddaa Ayyaanaa, Haroo Limmuu, Agamsaa fi Arqumbee keessatti, Wiixata Hagayya 23, 2021 irraa qabuun hanga har’aatti Uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiruun, Oromoonni baay’inaan 370 olitti tilmaamaman juumlaan ajjeefamuu.
Oromoonni mana hidhaa Daalattii – Giddu-gala Oromiyaa, Magaalaa Sabbataa, iddoo Daalattii jedhamuun waamamutti argamu – keessatti hidhamanii dararamaa jiran, kanneen baay’inaan Kuma-sadii (3000) ol ta’an dhibee daddarbaa Koleeraaf saaxilamuu; isaan keessaas Oromoonni 2 lubbuun darbuu.
Tarkaanfilee WBO'n Konyaa Gujii Bahaa keessa sosso’u, Hagayya 8, 2021 irraa qabuun Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti fudhachaa jiru ilaalchisuun, akkasumas, dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo giddu-gala godhachuun, marii Ajajaa WBO Konyaa Gujii Bahaa Jaal Magarsaa Lammii waliin taasifame.
Tarkaanfilee WBO’n Konyaalee Kibba Oromiyaa (Gujii fi Boorana) keessa sosso’u Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti tibbana fudhachaa jiru, akkasumas, dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo giddu-gala godhachuun, marii Dubbi-himaa WBO Cibraa Soddom-Booroo, Jaal Boorataa Abbaa Biyyaa waliin taasifame.
Ajjeechaan Ilmaan Oromoo irratti LMKII’n raawwatamu akka-malee jabaatee itti-fufuun, Barsiisaa Moosisaa Lammaa jedhamu dabalatee, dargaggoonni Oromoo sadii, guyyaa kaleessaa Ona Gindabarat keessatti ajjeefamuun reeffi isaanii bakkeetti gatamuu. Kanaan alattis, torban kana keessa Oromoonni baay’inaan sagal (9) ta’an Ona Gindabat keessatti ajjeefamuu.
Barattoonni Oromoo Yuunbarsitii Dabira Taaboritti baratan, doorsisa Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi uummata biyyasiin isaan irra geessifamaa jiruun wal-qabatee, yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jiraachuu. Hidhaa fi dararaan, akkasumas, wal’aansa fayyaa dhorkamuun Baqattoota Oromoo Biyya Suudii keessa jiraatan irratti mootummaa biyyasiin raawwatamu daran jabaatee itti-fufee jiraachuu.
WBOn Magaalotaa fi Onoota Oromiyaa to’annoo ofii jala galchuu itti-fufee jiraachuu. Haaluma kanaan, Magaalaa Gimbiin alatti, Onoonnii fi Magaalonni Konyaa Lixa Wallaggaa jala jiran irra-jireessi, akkasumas, Onoonni baadiyyaa Magaalaa Naqamtee jala jiran muraasni to’annoo WBO jala galfamuu.
Uummanni Oromoo galma qabsoo kan Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoof taasifamu irratti fuuleffachuun, waan danda’u maraan WBO gargaaruu fi hidhachiisuun, ofiis hidhachuun, impaayera kolonii afaan qawween ijaaramte diigee walabummaa biyya isaa Oromiyaa mirkaneessuun bilisummaa ofii isaa gonfachuu fi mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa hundeeffachuuf irree tokkoon qabsaa’uun akkaan barbaachisaa ta’uu.
Page 7 of 83