Voice of Independent Oromia (VIO) News page - Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Uummata Oromoo saboota ollaa waliin wal-irratti duulchisuun dadhabsiisaa, bara aangoo isaa dheereffachaa kan har’a ga’e Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa, Roobii kaleessaa (Onk. 20, 2021) ammoo, Poolisa Humna Addaa Sidaamaa qindeessuun, Hawaasa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa Ona Girjaa keessa jiraatu irratti waraana bansiisee jiraachuu.
Kibba Oromiyaa, Konyaa Gujii Bahaa keessatti daafii dheerachuu hongeen, Uummanni Oromoo beela hamaaf saaxilamuu; horiinis gaaga’amaa jiraachuu. Dheerachuun hongee, balaa beelaa amma uumameef sababa battalaa haata’u malee, gannoota afran darban irraa qabuun, duulli qabata deggersa WBOn Uummata Oromoo irratti labsamuun, hawaasni Oromoo kun hidhaa, dararaa fi ajjeechaa hamaaf saaxilamee kan jiruu fi gargaarsis irraa muramee kan jiru ta'uu.
Duulli duguuggaa sanyii qindaawaan, ijaarsa Naannoo Amaaraa Faannoo jedhamu, milishoota Naannoo Amaaraa fi harcaatota nafxanyaa kanneen Oromiyaa keessatti wal-horaniin, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Amuruu fi Guutoo Giddaa keessatti, Onkoloolessa 10, 2021 Uummata Oromoo irratti baname itti-fufee jiraachuu.
Duula duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhamu, akkasumas, Milishootaa fi Hawaasa Naannoo Amaaraan, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Gaalessaa keessatti, Roobii kaleessaa (Onkoloolessa 13, 2021) Uummata Oromoo irratti banameen, Aayyoo Oromoo, kan deessee ulmaa jirtu tokko dabalatee, Oromoonni jaha (6) haala suukanneessaan ajjeefamuu.
Duula duguuggaa sanyii, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Magaalaa Haroo keessatti, humna Faannoo jedhamu, kan hidhannoo guutuun Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seenee fi saba Amaaraa kanneen bakkas jiraataniin, Uummata Oromoo irratti, Dilbata Onkoloolessa 10, 2021 banamee, hanga Kibxata har’aatti walitti fufiinsaan deemaa jiruun, maatii Oromoo tokko irraa qofa namoonni 17 haala suukanneessaan ajjeefamuu.
Dhukaasa Oromoota Irreeffannaaf bobba’an irratti, Jimaata Onkoloolessa 8, 2021, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Gumii Eldalloo, Ardaa Qaallittii keessatti LMKIIn banameen, Sirni Irreechaa sun goolamuun addaan bittinneeffamuu; Oromoonni Irreeffachuuuf ba’an muraasnis achi-buuteen isaanii hanga guyyaa har’aatti kan hin beekamin ta’uu.
Lolli WBO fi LMKII humna guddaan gamasitti bobbaafame gidduutti, Konyaa Gujii Bahaa keessatti adeemsifamu, Wiixata Onkoloolessa 4, 2021 irraa qabuun, isa yeroo kamiirrayyuu daran jabaatee itti-fufee jiraachuu. Kanaanis, hanga Kamisa har’aatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irraa kanneen dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu, danuunis madoon adabamuu fi booji’amuu. Lolli kun Ona Gumii Eldalloo, araddaa Boobaa jedhamtu keessatti, Kamisa har’aallee itti-fufiinsaan adeemsifamaa jiraachuu.
Ona Bulee Horaa keessatti, Uummanni Oromoo waraana MKII waliin ta’uun, guyyaa borii (Onkoloolessa 6, 2021) sakattaa WBO irratti akka bubba’uuf haal-dureen mijeeffamaa jiraachuu. Ta’us, Uummanni Oromoo WBO faana hiriiruun waraana PP loluuf, isa yeroo kamii irrayyuu qophii ta’ee jiraachuu.
Page 4 of 83