Voice of Independent Oromia (VIO) News page - Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Walitti-dhukaasa Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, kanneen dhiigaa fi quuqama Oromummaa qabanii fi garee sirnicha tiksuuf dhaabbatan ykn mootummaa isaan bobbaaseef amanamoo ta’an gidduutti, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Guutoo Giddaa, Magaalaa Ukkee keessatti geggeeffameen miseensonni loltoota MKII sadii galaafatamuu.
Tarkaanfii WBOn Giddu-gala Oromiyaa keessa sosso’u, Lixa Shaggar iddoo Taraaraa jedhamuun waamamutti fudhateen, konkolaataalee waraanaa 6 fi konkolaataalee qabeenya dhuunfaa ta’an, kanneen dirqamsiifamuun meeshaalee waraanaa fi loojistiksii fe’atanii imalaa turan 2 dabalatee, waliigalatti konkolaataaleen saddeet barbadeeffamuu.
Hidhaa fi dararaan Konyaa Lixa Wallaggaa Ona Mana Sibuu keessatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan Uummata Oromoo irratti raawwatamu akka-malee hammaatee jiraachuu. WBOn tarkaanfii LMKII irratti fudhatu jabeessee itti-fufuun Onootaa fi Magaalota Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti argaman danuu dhuunfachaa jiraachuu.
Magaalaa Gidaamii dabalatee, Onni Gidaamii guutumaa guutuutti to’annoo WBO jala galfamee jiraachuu. Dhukaasa galgala edaa (Sadaasa 1, 2021), Ona Guutoo Giddaa Ganda Ukkee jedhamuun waamamu keessatti, hawaasa Oromoo Faannoon buqqifaman irratti LMKIIn banameen, Oromoonni sadii battala lubbuun darbuu, kanneen kudhanitti tilmaamaman ammoo madeeffamuu.
Tarkaanfilee Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO), Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Hawaasni Oromoo Walloo qindoominaan, guyyoota lamaan kana humnoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti fudhataniin, magaalonnii fi gandeen Konyaa Walloo keessatti argaman, kanneen akka: Borkennaa, Qal’oo, Booraa fi Haroo jedhaman WBOn dhuunfatamuu.
Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa (PP) tumsuun Humna Ittisaa Tigiraay akka waraanuuf jecha, dhiibbaan namoota dawoo amantaa fi Gadaan bobbaafamaniin Oromoo Walloo irratti taasifamu jabaatee itti-fufuu. Dhiibbaa fi doorsisni karaa adda addaan taasifamu, akkasumas, shirri xaxamu bifa jijjiirrachaa bubbuluun ni yaadatama.
Gargaarsi dhaabbilee mit-mootummaa garaagaraa irraa hawaasa Oromoo beela’eef gara Gujii Bahaatti ergamu, aangawwoota MKII konyaa saniin mataa maramuun, kaayyoo ergameef hanqifamuun, dantaa dhuunfaa isaaniif oolfamaa jiraachuu. Hawaasni gargaarsi maleef ammallee rakkoo wal-fakkaataa keessa kan jiru ta'uu.
Lolli Humna Ittisaa Tigiraay fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa gidduutti adeemsifamu, Kaaba Oromiyaa Konyaa Walloo keessatti itti-fufee jiraachuu. Gama loltoota PP goruun humna HIT akka waraanuuf jechas, duulli ololaa Uummata Oromoo Walloo irratti geggeeffamu jabaatee itti-fufee jiraachuu.
Page 3 of 83