WBO

Tarkaanfilee WBO’n Konyaalee Kibba Oromiyaa (Gujii fi Boorana) keessa sosso’u Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti tibbana fudhachaa jiru, akkasumas, dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo giddu-gala godhachuun, marii Dubbi-himaa WBO Cibraa Soddom-Booroo, Jaal Boorataa Abbaa Biyyaa waliin taasifame.

Baalee Roobee fi Walloo Kamisee

Ajjeechaan Ilmaan Oromoo irratti LMKII’n raawwatamu akka-malee jabaatee itti-fufuun, Barsiisaa Moosisaa Lammaa jedhamu dabalatee, dargaggoonni Oromoo sadii, guyyaa kaleessaa Ona Gindabarat keessatti ajjeefamuun reeffi isaanii bakkeetti gatamuu. Kanaan alattis, torban kana keessa Oromoonni baay’inaan sagal (9) ta’an Ona Gindabat keessatti ajjeefamuu.

Yuunvarsitii Dabra Taabor

Barattoonni Oromoo Yuunbarsitii Dabira Taaboritti baratan, doorsisa Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi uummata biyyasiin isaan irra geessifamaa jiruun wal-qabatee, yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jiraachuu. Hidhaa fi dararaan, akkasumas, wal’aansa fayyaa dhorkamuun Baqattoota Oromoo Biyya Suudii keessa jiraatan irratti mootummaa biyyasiin raawwatamu daran jabaatee itti-fufee jiraachuu.

Magaalaa Gimbii

WBOn Magaalotaa fi Onoota Oromiyaa to’annoo ofii jala galchuu itti-fufee jiraachuu. Haaluma kanaan, Magaalaa Gimbiin alatti, Onoonnii fi Magaalonni Konyaa Lixa Wallaggaa jala jiran irra-jireessi, akkasumas, Onoonni baadiyyaa Magaalaa Naqamtee jala jiran muraasni to’annoo WBO jala galfamuu.

WBO

Uummanni Oromoo galma qabsoo kan Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoof taasifamu irratti fuuleffachuun, waan danda’u maraan WBO gargaaruu fi hidhachiisuun, ofiis hidhachuun, impaayera kolonii afaan qawween ijaaramte diigee walabummaa biyya isaa Oromiyaa mirkaneessuun bilisummaa ofii isaa gonfachuu fi mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa hundeeffachuuf irree tokkoon qabsaa’uun akkaan barbaachisaa ta’uu.

Magaalaa Gimbii

Dhukaasa Konkolaataa geejjiba uummataa, kan Sanbata kaleessaa Magaalaa Finfinnee irraa ka’uun gara Lixa Oromiyaatti imalaa turee, galgala edaa Magaalaa Gimbii buluun, gara Magaalota Lixa Oromiyaa kanneen akka Mandii, Najjoo fi Asoosaatti imala isaa itti-fufe irratti, Ona Gimbii, iddoo Arroojjii jedhamuun waamamutti Dilbata har’aa (Hagayya 8, 2021) ganama Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan banameen, Oromoonni sadii rukutamuu.