Oromoo lagaafi gandaan qoodee walirratti duulchisuun dadhabsiisaa, bara-baraan impaayera kolonii isaa jala bulchuuf karoorfatee, ittis milkaa'aa kan dhufe Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Xoophiyaa, ammas tooftaa barametti dhimma ba'uun shira xaxuufi olola oofuun, walitti bu'iinsa Oromoo gosa Karrayyuufi gosa Arsii gidduutti dhalcheen, lubbuufi qabeenyi Oromoo qisaasamaa jiraachuu, gama Karrayyuutti bilbiluun Orommticha bakkasii tokko'rraa odeeffannee jirra.
Haaluma wal-fakkaatuun, tokkummaan Oromummaa akka diigamuufi wal-jibbiinsiifi wal-balaaleffannaan hawaasa Oromoo gidduutti akka dagaaguuf jecha, barattootaafi hawaasa Oromoo Gujii keessaa kanneen bilchina siyaasaa hin qabne tokko tokko faayidaan bituun barsiisa dogoggorsaa barsiifameefi ijaarsa shiraan ijaarameen, Yuunbarsitii Bulee Horaa keessatti, barattootaafi barsiisota Oromoo kanneen dhalootaan Macca (Wallaggaa) ta'an irratti looggiin adeemsifamaa jiraachuu; akkasumas, barattoonni danuun barnoota'rraa ari'amaa; barsiisonnis doorsifamaa jiraachuu, Barataa Oromoo Yuunbarsitii Bulee Horaa tokko'rraa odeeffannee jira. Kurfii keenya guutuu caqasaa.