rswo satellite announcement



Magaalaa Buraayyuu
Magaalaa Buraayyuu

Tarkaanfii Poolisoota Humna Addaa Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti, Ona Jalduu, naannoo Shukuteetti Uummata Oromoo fi WBOn guyyaa Jimaataa kaleessaa fi Sambata har’aa (Adoolessa 4, 2020) fudhatame.

Ajjeechaa Hacaaluu hordofuun, fincila Uummata Oromoon goleelee Oromiyaa cufa keessatti finiinaa jiruun wal-qabatee, daandiiwwan Finfinnee magaalaalee Oromiyaa biroon wal-quunnamsiisan kallattiilee afraniinuu cufamanii jiraachuu, akkasumas, Magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee keessatti, Uummatni Oromoo haala hamaa keessa jiraachuu.