• Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa keessa socho‘u, Raayyaa Ittisaa Xoophiyaa Konyaalee Gujii Bahaa fi Lixaatti bobba‘uun Uummata Oromoo irratti gochaalee gara-jabeenyaa raawwachaa jiran adamsuun, mooraafi bakkeewwan isaan itti maandheffatanii jiran garaagaraatti, guyyoota sadan kana tarkaanfilee jajaboo irratti fudhachuu RSWO‘tti himan, qondaalli WBO gameessi – Jaal Jooteen.

• Loltoonni Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Xoophiyaa, gandootaafi magaalaalee Konyaa Bunnoo Beddellee danuu keessa labuun, sababoota WBO deggertan / nyaachistan / bulchitan jedhuun Oromoota danuu hidhaa, dararaa, qabeenya isaanii barbadeessaa, akkasumas, bosona gubuun mancaasaa jiraachuu.

Kurfii keenya kana ♪ sagalee ♪ qofaan SoundCloud irraa dhaggeeffachuu dandeessu.