Sirna Gadaa, Heeraa fi Seera Oromoo irratti, Qorataa Sirna Gadaa tokko waliin marii Taasifame
Qabiyyeelee ijoo kurfii keenya kanaa:
Ajjeechaa Suukanneessaa, maanguddoo Oromoo Obbo Huseen Adam Umar jedhaman irratti, guyyaa kaleessaa (Caamsaa 9, 2020) Konyaa Qeellem Wallaggaa, Ona Hawwaa Galaan keessatti loltoota MKIXn raawwatame;
- Yeroo ammaa kana, Uummanni Oromoo Abbaa Gadaa qaba jechuun ni danda'amaa?
- Abbootiin Gadaa fi Maanguddootni si'ana jiru jedhaman akkamitti ilaalamu?
- Gadoomuu fi Gadaa mo’uu gidduu garaagarummaan jiru maali?…
Gaaffilee kana fakkaatan biroo danuu kaasuun, marii Obbo Mohammad Kadir – Qorataa Sirna Gadaa kan ta'an – waliin taasifame;
Ijaarsaa fi Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo ilaalchisuun, Qarree Oromoo kan Magaalaa Walisoo tokko waliin marii taasifame;
Guutuu kurfii keenyaa dhaggeeffadhaa.