Ajjeechaa Suukanneessaa Oromoota Walloo 7 irratti Hidhattoota Affaariin Raawwatame

Kaaba Oromiyaa, Konyaa Walloo, Ona Baatee keessatti, guyyaa har’aa (Eebila 28, 2020) Oromoonni 7, hidhattoota Naannoo Affaariin, haala suukanneessaa ta’een ajjeefamuu;

"... gara gabaa Eelawaa jedhamtuutti osoo imalaa jiranii, hidhattootni Naannoo Affaar daandii irratti eeganii, waaree dura toora sa'atii shaniitti konkolaataa dhaabsisuun, Oromoota torba gadi buusanii gorra'an" – Oromticha Walloo, Baatee

Odeessa sagalee guutuu, bakkana tuquun dhaggeeffachuu dandeessu.

Oromoonni Kaabaafi Lixa Shaggar dararaa hamaa keessa jiraachuu – Oromoota bakkasii irraa kan odeeffanne;

Qeerroo fi Qarreen Oromoo, bifa haarayaan wal-ijaaruun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo hanga galma isaatti finiinsuuf qophii xumuranii jiraachuu – Qeerroo Baha Tuulamaa, Ona Booset