Mootummaan Ona Ganjii guutuumatti xiyyaaraan haleeluuf ta’uu

Mootummaan qabata WBO balleessuutiin Ona Ganjii guutuumatti xiyyaaraan haleeluuf qophii irra jiraachuu;

Ganjii: Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa qabata WBO balleessuutiin Ona Ganjii guutuumatti xiyyaaraan haleeluuf deemaa jiraachuu isaa jiraattota onichaa akeekkachiise.

Kanaafis, jiraattonni ona Ganjii guyoota muraasa keessatti guutummaa-guutuutti ona sana gadhiisuun gara biraatti akka godaananiif aangawootni mootummaa akeekkachiisanii jiraachuu. Iccittin kana duuba jiru garuu, saamicha albuuda warqee ganda Kaffii Gurraachoo jedhamtu keessatti argamu ta'uu, jiraataa onichaa irraa odeeffanne.

Baakkoo: Uummanni Oromoo maqaa sakattaa WBO’tiin, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan dararamaa jiraachuu;

Jaartee Jaardagaa: Gochaaleen hammeenyaa Uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiran qaama mootummaatiin ta'uu;


RSWO - Amajji 5, 2021