Gochaalee hammeenyaa, labsii yeroo muddamaa qabata dhibee Coronavirusiin labsame hordofuun, Uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiran
Mootummaan Xoophiyaa osoo dhuguma nuuf yaadeetu ta’ee, qoricha ykn meeshaalee wal’aansaa nuuf fe’a malee, waraana nutti hin fe’u ture – Oromticha Lixa Oromiyaa
Labsii yeroo muddamaa Mootummaan Impaayera Xoophiyaa, qabata dhibee Coronavirusiin ji’oota 5’f labse hordofuun, Waraanni Ittisaa Impaayerattii baa’inaan gara Konyaalee Giddu-galaa fi Lixa Oromiyaatti bobbaafamaa jiraachuu. Kanaanis, barbadaa’insi qabeenyaa, dararaa fi ajjeechaan Oromoo Maccaa, Konyaalee Lixa Wallaggaa fi Qeellem Wallaggaa irratti raawwatamaa ture daran hammaatee jiraachuu.
Kurfii keenya kana sagalee qofaan dhaggeeffachuuf as tuqaa.
Ijaarsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo bifa haaraan
Qeerroo fi Qarreen Oromoo, dogoggora baroota afran-shanan darban uumame irraa barachuun, bifa haarayaan wal-ijaaruun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo gara fuul-duraatti tarkaanfachiisanii galmaan ga'uuf qophii xumuranii jiraachuu – Qeerrolee Jimmaa fi Booranaa