Walloo, Oromiyaa

 

Haala lolli babal’ifannaa daangaa fi duguuggaa sanyii, Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa kanneen Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaa fi Loltoota Mootummaa Eertiraan deggeramaniin Oromoo Walloo irratti torbee darbe (Bitootessa 19, 2021) irraa qabuun bifa addaan geggeeffamaa ture ittiin eegalee, adeemsifame; haala Uummanni Oromoo ittiin ofirraa qolatee fi miidhaa gam-lachuun qaqqabe. – Oromticha Walloo

Mannii fi qabeenyi Oromoo danuun Milishoota N/Amaaraan gubamuu

Lolli duguuggaa sanyii fi babal’ifannaa daangaa Milishoota Naannoo Amaaraan, kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti, Uummata Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti-fufuun, lola guyyaa kaleessaa, Oromoota Konyaa Matakkal keessa jiraatan irratti bifa haarayaan banameen, Ona Dibaax, Ganda Sirban jedhamu keessatti, mannii fi qabeenyi Oromoo danuun gubamuu. – Oromticha Matakkal