Konyaa Qeellem Wallaggaa Ona Sayyoo fi Ona Hawwaa Galaan keessatti, Kamisa darbe (Eebila 2, 2020) irraa qabuun hanga Kibxata (Eebila 7, 2020) har’aatti, Oromoonni 35 ol ta’an Raayyaa Ittisa Biyyaan ajjeefamuun; reeffi namoota danuus awwaalcha dhorkamuun, bakkeetti bineensaan nyaatamaa jiraachuu
Lola Hidhattoota Humna Addaa Naannoo Affaariin, Konyaa Walloo, Ona Dawwee Haarawaa, Ganda Oranee Salaamaa jedhamu keessatti, Uummata Oromoo Walloo irratti halkan edaa (Eebila 6, 2020) toora sa’atii 6:00 banamee, hanga ammaatti itti-fufee deemaa jiruun, Oromoonni 5 wareegamuu; 7 ol kan ta’anis madaa’uu
Kurfii keenya kana sagalee qofaan dhaggeeffachuuf hidha kana tuqaa.