Ibsa ejjennoo, guyyaa har’aa (Eebila 30, 2020) Qeerroo Bilisummaa Oromoon, labsameefi waamicha gara mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti taasifame;

Dinnina Qeerroon Bilisummaa Oromoo, namootaafi gareelee Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachaa fi gara-dabarsaa tiranii fi jiran dhaabsisuuf kenne.

Tamsaasa sagalee guutuu, bakkana tuquun dhaggeeffachuu dandeessu.

Oromoonni Giddu-gala Oromiyaa, Lixa Shaggar, Onoota Gindabaratiifi Abunaa Gindabarat: Poolisoota Humna Addaa, RIX fi shiftoota mootummichi tibbana WBO fakkeessuun leenjisee, hidhachiisee bobbaaseen gidirfamaa, saamamaa fi buqqifamaa jiraachuu.