Daba Oromoota Kibbaa fi Lixa Oromiyaa irratti MKIXn raawwatamaa jiru

Gochaan hammeenyaa Raayyaa Ittisaa Xoophiyaa, Poolisoota Humna Addaa [Oromiyaa] fi Milishoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Xoophiyaan, Oromoota Konyaalee Kibbaafi Lixa Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru akkaan haammaachuun;

Dhukaasa guyyaa kaleessaa (Eebila 22, 2020), Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Boojjii Coqorsaa keessatti, uummata nagaan gabaa ba'ate irratti RIXn banameen, obboleeyyan lama ajjeefamuu, danuunis madaa'uu – Oromticha Ona Boojjii Coqorsaa

Kurfii keenya kana sagalee qofaan dhaggeeffachuuf as tuqaa.

Onoota Konyaa Gujii Bahaa danuu keessatti, Raayyaan Ittisaa Xoophiyaa, Poolisootni Humna Addaa [Oromiyaa] jedhamaniifi Milishootni gandaa, gama tokkoon, weerara dhibee Koronaa (COVID-19) dawoo godhachuun, uummanni akka jiruu ofii hin geggeeffanneef manatti ugguraa, gama kaaniin ammoo, iddoo shaneen jiru nu geessaa jechuun, Uummata Oromoo doorsisaa fi dirqisiisaan, dalagata hanqisanii, gandaan buqqisuun, raasaa keessa ittiin jooraa oolaa jiraachuu – Oromticha Konyaa Gujii Bahaa

Ijaarsaa fi Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroo fi Qarreen Oromoo, dogoggora gannoota afran-shanan darban mudatee ture'rraa barachuun, si'achiif dogoggorri wal-fakkaataan akka hin uumamne quba wal-qabaachisuun, yeroo ammaatti bifa haarayaan wal-ijaaruun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo hanga galma isaatti (hanga Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti) finiinsuuf qophii xumuranii jiraachuu – Qeerroowwan Walloo fi Iluu Abbaa Booraa