Calanqoo fi Naqamtee

 

Naqamtee: Oromoonni danuun dirqisiifamuun hiriira deggersaa Kol. Abiyyii fi Paartii Badhaadhinaa irratti akka hirmaatan taasifamuu

Oromoota hiriira deggersaa Kol. Abiyyii fi Paartii Badhaadhinaa irraa qooda fudhachuuf, Roobii kaleessaa Ona Calanqoo, Araddaa Duubee jedhamu irraa gara Magaalaa Calanqootti imalaa turan keessaa 33 balaa konkolaataa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuu;

Gullisoo: Dararaa, ajjeechaa fi mancaafamni qabeenyaa LMKIIn Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu; Ajajaan Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Ona Gullisoo, Ibroo jedhamu duguuggaa sanyii Uummata Oromoo irratti raawwachaa/raawwachiisaa turee fi jiruuf Aangawoota Konyaa Wallagga Lixaan galateeffamuun, Kamisa har'aa badhaafamuu;