Barsiisonni Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Madaqsee, sababa hiriira mootummaan waamame irraa hafanii fi maqaa Maaddii Biyyaa jedhamuun miindaa hojjettootta mootummaa irraa dhibbantaan 25 (%25) akka muramuuf murtii murtaa’eef harka kennachuu didaniif guutumatti hidhamuun dararamaa jiraachuu
Ajjeechaa dargaggootaa fi maanguddoo Oromoo irratti raawwatame
Ona Ganjii, Ganda Maalitii Boolloo jedhamtu keessatti, Dargaggoonni Oromoo lama (2) Poolisoota Humna Addaa [Oromiyaa] jedhamaniin qabamanii erga hidhaa turanii booda, gara qe’ee isaaniitti geeffamuun ija maatii isaanii duratti ajjeefamuu
Maanguddoon Oromoo tokko – Abbaa ijoollee kudhanii (10) kan ta’an – Konyaa Wallagga Bahaa, Ona Gudayyaa Biilaa keessatti haala suukanneessaan ajjeefamuu