Gandeen Ona Qondaalaa fi Begii jala jiran 70 ol ta’an to’annoo WBO jala jiraachuu
Konyaa Lixa Wallaggaa, Magaalaa Qondaalaa fi Begii dabalatee, Gandeen baadiyyaa Ona Qondaalaa fi Ona Begii jalatti argaman, kanneen baay’inaan Torbaatamaa (70) ol ta’an to’annoo WBO jala galfamanii jiraachuu;
Waliigalatti, Ona Gidaamii, Qondaalaa fi Begii, akkasumas, magaalota onoota kanneenii dabalatee, gandeen Konyaa Lixa Wallaggaa jala jiran, baay'inaan 900 (dhibba-sagalii) ol ta'an, guutumaa guutuutti WBO'n to'atamanii jiraachuu;
Addatti ammoo, Onni Qondaalaa gandeen baadiyyaa Soddomii-jaha (36) kan of keessaa qabu yommuu ta'u, gandeen Ona Qondaalaa jala jiran Soddomii-jahanuu to'annoo WBO jala erga galfamanii baatii tokkoo ol lakkoofsisanii kan jiran ta'uu dubatu, Maanguddoon Oromoo Ona Qondaalaa irraa odeeffanne.
Akka-malee hammaachuu hidhaa fi ajjeechaa
Hidhaan, dararaa fi ajjeechaan Uummata Oromoo Walloo irratti, Milishoota, Faannoo fi Poolisii Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi Hidhattoota Naannoo Affaariin raawwatamu isa yeroo kamii irrayyuu daran hammaachuun, Hawaasni Oromoo rakkoo hamtuu keessa jiraachuu.