Dararaa fi saamichi Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaachuu
Saamichi qabeenyaa fi dararaan Uummata Oromoo irratti, Kibba-Baha Oromiyaa, Konyaa Arsii Lixaa keessatti, aangawoota, milishootaa fi loltoota mootummaa Impaayerattiitiin raawwatamu akkaan hammaachuu. Dabalataanis, Hawaasni Oromoo leenjii Gaachana Sirnaa jedhamuun gidirfama ulfaataa mudachaa jiraachuu.
Haala wal-fakkaatuun, saamichi qabeenyaa Uummata Oromoo irratti, humna qindaawaa: qaamota mootummaa fi finxaaleyyii Amaaraan raawwatamu hammaachuu.
WBO'n tarkaanfii fudhatu jabeessee itti-fufuu
WBO’n tarkaanfii Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayerattii fi hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa, Uummata Oromoo irraan dararaa geessisaa jiran irratti, Konyaa Baha Wallaggaa Onoota garaagaraa keessatti fudhatu jabeessee itti-fufee jiraachuu.