Saamichi Hawaasa Oromoo Jabuutii keessa jiraatu irra gahu hammaachuu
Saamichi qabeenyaa qabata gargaarsa Loltoota Mootummaa Impaayerattiitiin, akkasumas, hidhaa fi dararaan qabata deggersa WBO fi daafii hafiinsa leenjii Gaachana Sirnaa jedhamuun, Baha Harargee, Ona Dirree Xiyyaaraa keessatti, Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu.
Odeessa wal-fakkaatuun, hidhaa fi dararaan, akkasumas, saamichi qabeenyaa Hawaasa Oromoo Jabuutii fi Affaar keessa jiraatu irratti, qabata tumsa WBO'tiin raawwatamu akkaan hammaachuu.
Uggurri tajaajila neetorkii bilbilaa fi intarneetaa guutuu Konyaa Walloo irratti taasifame akka itti-fufetti jiraachuu.
Daafii kanaan, haala Uummanni Oromoo Walloo keessa jiru ilaalchisuun odeessa qabatamaa bakkasii argachuun dadhabamullee, odeessa dhalattoota Walloo kanneen biyyoota ambaa keessa jiraatan irraa arganneen, dararaa fi ajjeechaan Uummata Oromoo irratti, milishoota Naannoo Amaaraa fi Affaariin raawwatamu daran jabaatee kan jiru ta'uu mirkaneeffachuun danda'amee jira.