Abbaan Gadaa Kadiroo Hawaas Boruu fi qaamonni Gadaa Karrayyuu 13 ajjeefamuu
Qaamota Gadaa Karrayyuu, baay’inaan Soddomii-Sagal (39) ta’an, kanneen Roobii Mudde 1, 2021 quubsuma Abbootii Gadaatii butaman keessaa, Abbaa Bokkuu Karrayyuu, Abbaa Gadaa Kadiroo Hawaas Boruu dabalatee, namoonni Kudha-Afur (14), gara Ona Booset, iddoo Aanolee jedhamuun waamamuutti geeffamuun, galgaluma gaafasii bakka tokkotti, haala suukanneessaan ajjeefamuu.

Oromoota buufata Abbootii Gadaa irraa butamanii, ajjeefamuuf gara Aanoleetti geeffaman keessaa, Oromoonni Lama (2) battala ajjeechaan raawwatamuu eegaleen, fiiganii baafachuun, halkan Roobii sana gara qe'ee irraa butamaniitti deebi'uu. Qaamonni Gadaa Karrayyuu Digdamii-Sadii (23) ammoo achi-buutee dhabamsiifamanii jiraachuu.
Taatee kana eeyutu raawwate?
Hidhattoonni jalqaba dhaqanii quubsuma Abbootii Gadaa Karrayyuu weeraran, uffata Poolisii Humna Addaa Oromiyaa haa uffataniyyuu malee, milishoota Naannoo Amaaraa ta'uu akka hin oolle kan dubbatu, miseensota Gadaa Karrayyuu lameen, kanneen afaan qawwee jalaa fiiganii baafatan keessaa tokko kan ta'edha.