Haleellaan humna xiyyaaraan, Hawaasa Oromoo hidhanno-maleessa irratti, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota: Giddaa, Limmuu, Kiiramuu fi Jaanjir jedhaman keessatti, Wiixata kaleessaa (Sadaasa 29, 2021) eegale, Kibxata har’aas itti-fufee ooluu.

Mootummaan Impaayerattii, yakka ofii dhokfachuuf jecha, bakkeewwan haleellaa irratti raawwachaa jiru kanneen irraa tajaajila quunnamtii intarneetaa fi neetorkii bilbilaa guutumatti muree kan jiru ta'uu.

Haala taatee kanaa fi haala Uummanni Oromoo bakkasii keessa jiru (gaaga'ama qamaa-lubbuu namaa fi mancaafama qabeenyaa haleellaa kanaan qaqqabsiifamaa jiru) ilaalchisuun odeessa qabatamaa bakkasii argachuun, daafii addaan-citiinsa tajaajila quunnamtii neetorkii fi intarneetaan akkaan rakkisaa ta'ee jiraachuu.

Odeessa maddeen qabatamoo garaagaraa fi dhalattoota bakkasii kanneen iddoo biraa jiraachaa jiran irraa dhaga'amaa jiruun, haleellaan kun xiyyaara waraanaa nam-maleessa halaalaa to'atamuun kan raawwatamaa jiru ta'uu beekuun danda'amee jira.

Ajjeechaa fi saamicha qindaa'aa

Ajjeechaa fi saamichi qabeenyaa Uummata Oromoo irratti, Onoota kanneen keessatti, humnoota finxaaleyyii Amaaraa kanneen bakkas jiraatanii fi kanneen mootummaan leenjisee, hidhachiisee, Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seensiseen raawwatamu akkaan jabaatee itti-fufee jiraachuu.

Independent Oromia YouTube Channel

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa