Konkolaataaleen waraanaa fi meeshaalee waraanaan deeman 8 barbadeeffamuu
Tarkaanfii WBOn Giddu-gala Oromiyaa keessa sosso’u, Lixa Shaggar iddoo Taraaraa jedhamuun waamamu, magaalaa xiqqoo kan Jalduu fi Gindabarat gidduutti argamtutti fudhateen, konkolaataaleen meeshaalee waraanaa fi waraana fe’atanii imalaa turan saddeet barbadeeffamuu.
Konkolaataalee kanneen keessaas 6 kan waraanaa yommuu ta'an, 2 ammoo qabeenya dhuunfaa, kanneen dirqamsiifamuun LMKII akka tajaajilan taasifaman ta'uu.
Dabalataanis, mooraan Waraana MKII bakkasitti argamu, kan loltoonni kun keessa maandheffatanii, achirraa ka'uun gara Gindabaratii fi Jalduutti bobba'uun Uummata Oromoo dararaa turan daareffamuu.