Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa (PP) tumsuun Humna Ittisaa Tigiraay akka waraanuuf jecha, dhiibbaan namoota dawoo amantaa fi Gadaan bobbaafamaniin Oromoo Walloo irratti taasifamu jabaatee itti-fufuu.

Lolli Humna Ittisaa Tigiraay fi Loltoota MKII gidduutti adeemsifamus, Kaaba Oromiyaa Konyaa Walloo keessatti itti-fufee jiraachuu.

Oromoon Walloo gama Loltoota PP goruun HIT irratti akka duuluuf, dhiibbaa fi doorsisni karaa adda addaan taasifamu, akkasumas, shirri xaxamu bifa jijjiirrachaa bubbuluun ni yaadatama.


Aangawoonni PP Ona Saasiggaa WBO’n dhuunfatamuu

Aangawoonni MKII Konyaa Baha Wallaggaa Ona Saasiggaa, kanneen Magaalaa Naqamtee irraa gara Ona Saasiggaatti imalaa turan, Kamisa har’aa (Onk 28, 2021) ganama to'annoo WBO jala oolfamuu.

Taatee kana hordofuun, lolli WBO fi loltoota MKII kanneen dirmannaa kaabinoota to'atamaniif bobbaa'an gidduutti baname, hanga yeroo gamasitti bilbiluun odeessa kana fudhannuuttillee itti-fufee jiraachuu dubbata Oromtichi Ona san irraa bilbilaan odeeffanne.

Haala wal-faakkaatuun, Onuma Saasiggaa, iddoo Baloo Bareedaa jedhamuun waamamutti, Poolisoota Humna Addaa [Oromiyaa] jedhaman, kanneen Uummata Oromoo dararaa turan irratti, guyyuma har'aa, WBOn tarkaanfii fudhachuu.

Independent Oromia YouTube Channel

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Sagantaa Kamisa Mudde 2, 2021

Link-4

Sagantaa Kibxata Sadaasa 30, 2021

Link-1

Sagantaa Dilbata Sadaasa 28, 2021

Link-2