Uummata Oromoo saboota ollaa waliin wal-irratti duulchisuun dadhabsiisaa, ofii bara aangoo isaa dheereffachaa kan har’a ga’e Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa, Roobii kaleessaa (Onk 20, 2021) ammoo, Poolisa Humna Addaa Sidaamaa qindeessuun, Hawaasa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa Ona Girjaa keessa jiraatu irratti waraana bansiisee jiraachuu.

Waraanni kun Kamisa har'aallee kan itti-fufee oole yommuu ta'u, daafii kanaanis, hawaasa Oromoo irra miidhaan qaamaa fi gaaga'amni lubbuu qaqqabsiifamaa jiraachuu.


Duulli Uummata Oromoo irratti baname itti-fufee jiraachuu

Duulli Duguuggaa sanyii, gurmuu hidhattoota Naannoo Amaaraa Faannoo jedhee of waamuun, Konyaa Matakkal keessatti Uummata Oromoo irratti geggeeffamu, Kamisa har'aa (Onk 21, 2021) itti-fufuun, hawaasa Oromoo irra miidhaan geessifamaa; qabeenyaan isaaniis saamamaa ooluu.


Konyaa Baha Wallaggaa Onoota kanneen akka: Giddaa Kiiramuu, Guutoo Giddaa fi Amuruu keessattis, duulli duguuggaa sanyii kun itti-fufuun, Uummanni Oromoo haala suukanneessaan ajjeefamaa; qabeenyii fi manneen jireenyaa isaaniis ibiddaan barbadeeffamaa jiraachuu.

Independent Oromia YouTube Channel

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Sagantaa Kamisa Mudde 2, 2021

Link-4

Sagantaa Kibxata Sadaasa 30, 2021

Link-1

Sagantaa Dilbata Sadaasa 28, 2021

Link-2