Taateewwan Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Arsadii: Bara 2021
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa, Hora Finfinneetti, Sambata kaleessaa (Onkoloolessa 2, 2021); Dilbata har’aa ammoo, Hora Bidhooftuutti kabajame, dhaadannoolee deggersa WBO, barbaachisummaa Walabummaa Oromiyaa fi jibba Impaayera Itoophiyaa ifatti dhageessisaniin dabaalamee ooluu.
Gama biraatiin ammoo, Oromoonni Ayyaana Irreechaa bara 2021 Hora Finfinnee fi Hora Arsadiitti ayyaaneffachuuf goleelee Oromiyaa cufa keessaa Magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti imalan rakkoolee danuu mudachuu.
Haaluma kanaan, Sirna Irreeffannaa Sambata kaleessaa (Onkoloolessa 2, 2021) Magaalaa Finfinnee, Hora Finfinneetti raawwatame irraa qooda fudhachuuf, Oromoota bakkasitti argaman keessaa, Oromtichi tokko bobbaa gara malkaatti taasifamuun dura toora sa'aa 11:00 irratti ajjeefamuu.
Itti-fufuunis, jalqabbii Sirna Irreeffanaa irraa qabuun hanga galgala edaatti, yoo xiqqaate Oromoonni baay'inaan afurii hanga shaniitti tilmaamaman lubbuun darbuu kan hin oolle ta'uu.