Oromoonni Eejjuu Soddomaa fi Raayyaa danuun, goolii fi gaaga’ama lola HIT (Humna Ittisaa Tigiraay) fi Mootummaa PP (Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa) gidduutti adeemsifamaa jiruun isaan mudateen, qe’ee isaanii irraa buqqifamuun gara Wallootti baqatanii jiraachuu.

Ta’us, battala isaan Baatee ga’anitti, aangawoonni Mootummaa Naannoo Amaaraa achirraa gara Kombolchaatti geessuun, gargaarsas dhorkachuun, iddoo fi haala rakkisaa keessa akka isaan jiraatan taasisuu. Daafii kanaanis, Oromoonni kun gara Baateetti of-duuba deebi'uun, Uummata Oromoo Walloo Magaalaa Baatee keessa jiraatuun simatamuun qubachiifamanii jiraachuu.


Haatii deessee ulmaa jirtu garee Faannoo jedhamuun ajjeefamuu

Duulli duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhee of waamuu fi qaamota finxaaleyyii Amaaraan, Uummata Oromoo irratti, Konyaa Matakkal keessatti, Wiixata Fuulbana 27, 2021 bifa haarayaan baname, hanga har'aatti itti-fufuun adeemsifamaa jiraachuu.

Kanaanis, Ganda Caancoo jedhamu keessatti, Maanguddoonni Oromoo sadii mana waliin gubamuu; Haati Oromoo, kan deessee ulmaa jirtu tokkos daa'ima ishee waliin haala suukanneessaan (qalamuun) ajjeefamuu.

Independent Oromia YouTube Channel

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Sagantaa Kamisa Mudde 2, 2021

Link-4

Sagantaa Kibxata Sadaasa 30, 2021

Link-1

Sagantaa Dilbata Sadaasa 28, 2021

Link-2