Hidhamtoonni Oromoo mana hidhaa keessaa baafamuun ajjeefamuu
Oromoota manneen hidhaa impaayerattii garaagaraa keessatti hidhamanii gidirfamaa jiran baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuun, kutaalee Oromiyaa danuu keessatti LMKII’n raawwatamuun amaleeffatamee jiru, Giddu-gala Oromiyaa, Lixa Shaggar, Ona Gindabarat keessatti ammas irra-deebiin, galgala edaa (Roobii Fuulbana 15, 2021) Oromoonni sadii (3) mana hidhaa keessaa baafamuun ajjeefamuu.
Saamicha Dureeyyii Oromoo irratti raawwatamu
Saamichi hidhattootaa fi kaabinoota MKII’n, Kaaba Oromiyaa, Konyaa Walloo keessatti Dureeyyii Oromoo irratti, qabata gargaarsa WBO’n raawwatamu, tibbana akkaan hammaatee jiraachuu.
Namaa-horiin hongeen miidhamaa jiraachuu
Namaa horiin Booranaa, daafii dheerachuu hongee fi addaan citiinsa gargaarsa dhaabbilee mit-mootummaan miidhama hamaaf saaxilamanii jiraachuu.
Kan Uummanni Oromoo Booranaa beelaa fi hongeen waxalamaa jiru, aangawoonni MKII konyaa sanii garuu rakkoo mudatee jiru furuu mannaa, Hawaasa Oromoo dirqisiisuun, leenjii ispoortii hin malle, kan umurii fi saala hin foonee fi, Safuu fi Aadaa Oromoo cabse akka leenji’an taasisaa jiraachuu.