Tarkaanfilee WBO'n Konyaa Gujii Bahaa keessa sosso’u, Hagayya 8, 2021 irraa qabuun Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti fudhachaa jiru ilaalchisuun, akkasumas, dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo giddu-gala godhachuun, marii Ajajaa WBO Konyaa Gujii Bahaa Jaal Magarsaa Lammii waliin taasifame.

Onoonnii fi Magaalonni Konyaa Gujii Bahaa, akkasumas, mooraaleen Waraana Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irra-jireessi to’annoo WBO jala jiraachuu.


Hojiilee bakkoota to'annoo WBO jala galan keessatti hojjetamaa jiran

Bakkoota to’annoo WBO jala galfamanii jiran hunda keessatti, dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo (Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu; Bilisummaa Oromoo dhugoomsuu; Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa gad-dhaabuu) Uummata Oromoo hubachiisuu fi onnachiisuu, akeeka kana milkeessuufis, qabsoon hidhannoo fi deggersi WBO akkaan barbaachisaa ta’uu irratti dadammaksa uumuu fi daran jabeessuuf jecha, barsiifni Uummata Oromoof kennamaa jiraachuu.

Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa kan Walabummaa biyya isaa, Oromiyaa mirkaneessuuf; Bilisummaa isaa dhugoomsuu fi Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa gad-dhaabuuf taasifamu irratti fuuleffachuun, karaa maraan WBO tumsuu fi hidhachiisuun, ofiis hidhachuun, impaayera kolonii afaan qawween ijaaramte afaan qawween diiguun biyya (Oromiyaa) walaboomte gad-dhaabbachuuf irree tokkoon qabsaa’uun akkaan barbaachisaa ta’uu dhaammanna.

Independent Oromia YouTube Channel

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa