Share:

Ajjeechaan Ilmaan Oromoo irratti LMKII’n raawwatamu akka-malee jabaatee itti-fufuun, Barsiisaa Moosisaa Lammaa jedhamu dabalatee, dargaggoonni Oromoo sadii, guyyaa kaleessaa Ona Gindabarat keessatti ajjeefamuun reeffi isaanii bakkeetti gatamuu. Kanaan alattis, torban kana keessa Oromoonni baay’inaan sagal (9) ta’an Ona Gindabat keessatti ajjeefamuu.

Odeessa wal-fakkaatuun, Dargaggoonni Oromoo Kadir Muusxafaa fi Amiin Huseen jedhaman, dhalattoota Konyaa Baalee kan ta’an, Ilaalcha WBO qabdu jedhamuun, Konyaa Gujii Bahaa Ona Qarcaa keessatti hidhamanii gidirfamaa erga turanii booda, guyyoota lamaan kana mana hidhaa keessaa baafamuun LMKII’n ajjeefamuu.

Dargaggoota Oromoo dirqisiisuun waraanaaf bobbaasuun itti-fufee jiraachuu

Uummatni Oromoo Walloo bittaa fi gurgurtaaf Wiixata kaleessaa (Hagayya 16, 2021) gara Magaalaa Baateetti bobba’an danuun dhaanamuun, meeshaan aadaa isaan qabatanii deemanis harkaa guuramuun gara mana hidhaatti guuramaa oolan.

Gama biraatiin ammoo, wal-waraansa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Naannoo Tigiraay gidduutti adeemsifamaa jiru irratti, Dargaggoonni Oromoo Walloo gara humna Naannoo Amaaraa goranii waraanichatti akka seenaniif, darbees, Uummanni Oromoo Walloo Waraanaa Bilisummaa Oromoo of keessaa akka baasuuf, sossobbii fi doorsisni bifa garaagaraan adeemsifamu itti-fufee jiraachuu.

Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa kan Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoof dhugoomsuuf taasifamu irratti fuuleffachuun, waan danda’u maraan WBO gargaaruu fi hidhachiisuun, ofiis hidhachuun, impaayera kolonii afaan qawween ijaaramte diigee walabummaa biyya isaa Oromiyaa mirkaneessuun bilisummaa ofii isaa gonfachuu fi Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa gad-dhaabbachuuf irree tokkoon qabsaa’uun akkaan barbaachisaa ta’uu dhaammanna.

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa