Share:

Barattoonni Oromoo Yuunbarsitii Dabira Taaboritti baratan, doorsisa Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi uummata biyyasiin isaan irra geessifamaa jiruun wal-qabatee, yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jiraachuu.

Hidhaa fi dararaan, akkasumas, wal’aansa fayyaa dhorkamuun Baqattoota Oromoo Biyya Suudii keessa jiraatan irratti mootummaa biyyasiin raawwatamu daran jabaatee itti-fufee jiraachuu.

Waraana garee humnoota Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, Dargaggoonni Walloo gara garee humnoota MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goranii humna Naannoo Tigiraay irratti akka duulaniif; Uummanni Oromoo Walloos WBO of keessaa akka baasuuf bifa garaagaraan sossobamaa fi doorsifamaa jiraachuu.

Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa kan Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoof dhugoomsuuf taasifamu irratti fuuleffachuun, waan danda’u maraan WBO gargaaruu fi hidhachiisuun, ofiis hidhachuun, impaayera kolonii afaan qawween ijaaramte diigee walabummaa biyya isaa Oromiyaa mirkaneessuun bilisummaa ofii isaa gonfachuu fi Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa gad-dhaabbachuuf irree tokkoon qabsaa’uun akkaan barbaachisaa ta’uu dhaammanna.

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa