Sochii WBOn guyyoota 4n kanaa as Lixa Oromiyaa keessatti taasisaa jiru
WBOn Magaalotaa fi Onoota Oromiyaa to’annoo ofii jala galchuu itti-fufee jiraachuu. Haaluma kanaan, Magaalaa Gimbiin alatti, Onoonnii fi Magaalonni Konyaa Lixa Wallaggaa jala jiran irra-jireessi, akkasumas, Onoonni baadiyyaa Magaalaa Naqamtee jala jiran muraasni to’annoo WBO jala galfamuu.
Bakkeewwan to’annoo ofii jala galchaa jiru hunda keessattiyyuu, WBOn, dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo, akkasumas, barbaachisummaa Qabsoo Hidhannoo fi deggersa WBO irratti uummata isaaf hubannoo kennaa fi caasaa bulchiisaa diriirsaa jiraachuu.
Abukaattoon seeraa Obbo Abduljabbaar Huseen, Roobii kaleessaa (Hagayya 11, 2021) Magaalaa Adaamaa keessatti ajjeefaman. Ogeessi seeraa Obbo Abduljabbaariin itti-dhiheenyaan beekan tokko, ajjeechaa kana duuba harki qaamota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa jiraachuu akka hin oolle RSWO’tti himanii jiru.
Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa kan Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoof dhugoomsuuf taasifamu irratti fuuleffachuun, waan danda’u maraan WBO gargaaruu fi hidhachiisuun, ofiis hidhachuun, impaayera kolonii afaan qawween ijaaramte diigee walabummaa biyya isaa Oromiyaa mirkaneessuun bilisummaa ofii isaa gonfachuu fi Mootummaa Birmaduu Oromoo fi Oromiyaa gad-dhaabbachuuf irree tokkoon qabsaa’uun akkaan barbaachisaa ta’uu dhaammanna.