Sochii fi tarkaanfii WBO Cibraa 30 Booroo: Jaal Boorataa Abbaa Biyyaa waliin marii
Haala sochii fi tarkaanfilee WBO’n Zoonii Kibbaa tibbana fudhachaa jiru, akkasumas, dhimma galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo giddu-gala godhachuun, marii Dubbi-himaa WBO Cibraa Soddom-Booroo, Jaal Boorataa Abbaa Biyyaa waliin taasifame.
Dhimma ajjeechaa Dr. Gammachiis Moosisaa irratti raawwatamee
Oromtichi Gammachiis Moosisaa jedhamu, Dooktara fayyaa Hospitaala Riiferaalaa Soorgaa (Naqamtee) kan ta'ee fi sirna gaa’elaa isaa Dilbata Hagayya 1, 2021 kan raawwate, Kibxata Hagayya 3, 2021, haala suukanneessan ajjeefamuun reeffi isaa, Magaalaa Naqamtee iddoo Soorgaa jedhamutti bakkeetti gatamuu.