Share:

Ajjeechaan MKII’n Hayyootaa fi Qareeyyii Oromoo irratti fuuleffachuun raawwatamu jabaatee itti-fufuun, Aabba Bagajjaa Jirmaa, Maanguddoo fi Hayyuun Argaa-dhageettii Oromoo, Jimaata Adoolessa 30, 2021 halkan, Konyaa Booranaa, Aanaa Dirree, Magaalaa Tulluu Fardaa keessatti Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan ajjeefamuu.

Odeessa wal-fakkaatuun, dhalataa fi jiraataa Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Nuunnuu Qumbaa, Ganda Haroo Baacaa kan ta’e, Dargaggoon Oromoo Iisaa Taayyee jedhamu, guyyoota lamaan darban mana hidhaa keessaa baafamuun, LMKII'n ajjeefamuu.

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa