Walloo, Kamisee

Waraana garee humnoota Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, Oromoon Walloo gara garee humnoota MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goree humna Naannoo Tigiraay irratti akka duuluuf, waamichi taasifamuuf itti-fufee jiraachuu.

Ta’us, Oromoon Walloo waamicha sossobbii taasifamaafii jiru kana abadan kan hin simanne ta’uu, inumaayyuu, Uummanni Oromoo marti, tapha wal-dadhabsiisoo diinonni isaa (Koloneeffattooni Impaayera Itoophiyaa) taphachaa jiran kanatti akka carraatti fayyadamuun, kaayyoo Qabsoo Oromoo ganamaa, kan Saba Oromoo bilisoomsuu fi Biyya Oromoo, Oromiyaa walaboomsuuf abuurame galmaan ga’uu irratti fuuleffachuun, waraana isaa WBO faana hiriiruun, Impaayera kolonii humna qawween irratti ijaaramte humna qawween ofirraa fonqolchuu irratti tokkummaan bobba’uu akka qabu gadi jabeessee dhaammata, Oromtichi Walloo, kan toora bilbila SWO irratti argamuun marii bal’aa nu waliin taasise.


Odeessa guutuu suur-sagalee armaan gadii irraa hordofuu ni dandeessu.

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa