Ganjii, Oromiyaa

Dhukaasa Jimaata Adoolessa 9, 2021, dargaggoota Oromoo nagaa irratti, Poolisoota Humna Addaa [Oromiyaa] fi Milishoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan, Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Ganjii, Ganda Ganjii Deembii, iddoo addaa Janjamoo jedhamutti banameen, dargaggoonni Oromoo ja’a (6) iddoo tokkotti galaafataman.

Dargaggoonni Oromoo ja’an ajjeefaman, maqaan isaanii: Gammachuu Habtee, Abbush Abarraa, Barrihuun Balaay, Ismaa’el Darajjee, Sambataa Maammoo, fi Kidaanuu Bulchaa akka jedhaman nuuf eeruun, itti-fufuunis, dargaggoonni kun WBO deggeran/gargaaran sababa jedhuun, dhukaasa hidhattoota MKII – Poolisoota Humna Addaa Oromiyaa jedhamanii fi Milishootaan – iddoo nagaan waliin taa'anii haasa'aa jiranitti isaan irratti roobsameen bakka tokkotti ajjeefaman jechuun nutti himani, Oromtichi bilbilaan Ona Ganjii irraa odeeffanne.


Dhimma kana dabalatee, haala yeroo Oromoo-Oromiyaa fi dhimma akeekaa fi galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti, odeessa guutuu har'aaf qindeeffanne suur-sagalee armaan gadii irraa hordofuu ni dandeessu.