
Filannoon shiraa Mootummaa Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa (PP’n) Wiixata kaleessaa (Waxabajjii 21, 2021) adeemsifamuun isaa himamu, Onoota Konyaa Gujii Bahaa keessatti argaman garaagaraa keessatti, tarkaanfii WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon buufataalee filannoo irratti fudhatameen gufachiifamuu… Odeessa gara Ona Sabbaa Booruutti bilbiluun Oromticha tokko irraa arganne.
Odeessa wal-fakkaatuun, Kaaba Oromiyaa, Konyaa Walloo keessatti, Uummanni Oromoo filannoo shiraa MKII guutumaa-guutuutti lagachuun fashalsuu… Oromticha Walloo, jiraataa Ona Harxummaa Fursee.
Qabata boobii Dilbata Waxabajjii 20, 2021 halkan, Konyaa Harargee Bahaa, Ona Oborraa, Magaalaa Kaarramillee keessatti, qaamota ergama MKII’n itti-kenname qabatanii bobba’aniin dhoofamuun isaa maddeen garaagaraa irraa dhaga’amuun, Oromoonni qulqulluun hidhamuu fi dararamuu… Odeessa Oromticha Magaalaa Kaarramillee irraa bilbilaan arganne.