Hawwan Oromoo baay’inaan 18 ta’an dabalatee, Oromoonni dhibbaan lakkaa’aman, Magaalaa Begii, Koborii fi gandeen baadiyyaa Ona Begii keessaa guuramuun, Magaalaa Begii keessatti hidhamuun dararamaa jiraachuu.
Giddugala-Baha Oromiyaa, Ona Booset keessatti, Oromoonni baay’inaan 3 ta’an LMKII’n ajjeefamuu. Oromoota ajjeefaman kana keessaa lama, Lammii Badhaadhaa fi Firoomsan Bobbaa, dhalattootaa fi jiraattota Ona Booset yommuu ta’an; Oromoonni kunniin Ona Booset, Ganda Borcataa, Iddoo addaa Harre-Boonaa jedhamuun waamamu keessatti erga ajjeefamanii torban lama guutee jiraachuu fi reeffi isaaniis akka hin awwaalamne taasifamuun bineensaan nyaatamuu.
Ajjeechaan sadaffaan ammoo ganduma san iddoo Dhaddacha Bal’aa jedhamuun waamamutti, Wiixata (Caamsaa 31, 2021) dheengaddaa, kan raawwatame yommuu ta’u, Oromtichi ajjeefames gama biraatii gamasitti kan geeffamee fi maqaan isaas akka hin baramneef hawaasni irraa ittifamuun bulchiisa Magaalaa Walancitiin kan awwaalame ta’uu.

Daa’imni Oromoo ganna sagalii, Margaa Fiqiruu jedhamu, dhaanicha hamaa poolisoota MKII’n, Magaalaa Najjoo keessatti, torbee darbe irratti raawatameen miidhamee deggersa uummataan hospitaala seensifamee wal’aansi taasifamuufis bayyanachuu dadhabuun, Kibxata (Waxabajjii 1, 2021) lubbuun isaa darbuu.